Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wuhaan Keessatti Lakkoobsii Namoota Vaayrasii Koronaan Du'an Isa Dubbtamaa Ture Caala: Angawaa Fayyaa


Chaayinaa Keessatti lafa vaayrsiin koronaa jiraachuun jalqaba ibsame Wuhaan keessatti lakkoobsii namoota du'anii isa guutummaa biyyatti keessatti du'an harka 50 kan caaluu ta'un ibsamee jira.

Angawoonni eegumsa fayyaa kan Chaayinaa ibsa baasaniin isa ammaan dura ibsamee ture sana irra dabalataan namoonni ka biroon 1290 du'u beeksiisa.

Kanaaf namoonni Chaayinaa keessatti dhukkuba Kooviid-19 du'an 3869 ta'u hubachise.

Lakkoobsi namoota vaayrasii koronaan qabamanii 325 kan dabalee yoo ta'u lakkoobsa waliigalaan qabamanii 50,333 geesisee jira.

Sababaan adda addummaa lakkoobsaa kana kan fide namoonni mana ofii keessatti du'an jiraachuu fi heddummaachuu uummata vaayrasichaan qabameen irraa kan ka'e ogeessonni eegumsa fayyaa adda baafachuuf rakkachuu isaanii ta'u ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG