Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Deddeebii Imigireeshinii Yeroof Nan  Dhaaba Jedhan


Prezidaant Doonaald Traamp sababaa weerara vaayiresii koronaan kan ka’e yeroo dhaaf deddeebii immigration kan dhaaban ta’uu dubbatan.

Tramp kaleessa galgala ergaa tweeter isaanii irratti maxxansaniin weerarri kun haleellaa diina hin argamne biraa dhufe jedhanii dalagaalee lammiiwwan guddaa biyya keenyaa oolchuu qabna jedhan. Tarkaanfiin kun ajaja sadarkaa ol aanaan ta’a jedhanii ibsa xiqqoo kennan.

Bulchinsi Tramp baatii Bitootessaa keessa daangaa Meeksiikoo fi Kanada imala barbaachisaa ta’e irraan kan hafe cufee jira. Itti dabaluu dhanias namoonni biyya alaa kanneen guyyoota 14f Chaayinaa, Iran ykn Awrooppaa keessa turan Ameerikaa akka hin seenne ugguree jira.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG