Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Maatii “Shanee” Jedhanii Walitti nu Qabaa Jiru’ – Jiraattota Gujii Bahaa


Magaala Shakkisoo, Gujii
Magaala Shakkisoo, Gujii

‘Maatii “Shanee” Jedhanii Walitti nu Qabaa Jiru’ – Gujii Bahaatti Warri Torbee Darbe To’annaa Jela Oolfames Dhaddachaaf hin Dhiyaanne’ jedhu Jiraattonni

Torbee darbe Gujii Bahaa aanotii gammoojjii afur keessaa poolisii Oromiyaan ka to’annaa jela oolfaman mana murtiif akka hin dhiyaanne jiraattonni Sagalee Ameerikaaf dubbatanii jiran. Firoottan warra hidhaman kanaa, Sagalee Ameerikaaf yoo himan bakka waajjira poolisiittillee firoota isaanii gaafachuu sodaanneerraa jedhan.

‘Maatii “Shanee” Jedhanii Walitti nu Qabaa Jiru’ – Jiraattota Gujii Bahaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:10 0:00

Aadde Darmii Tukkisee jiraattuu aanaa gumii Eldalloo, ganda Caffee iddiiti. Aadde darmi abbaan warraa isaanii miseensa warra maqaa WBO’n socho’u ta’uu firri isaanii tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Torbee darbe waldhaansa baqaqsanii hodhuun erga daa’ima da’anii booda humna naga kabachiiftota mootummaan to’annaa jela oolfamanii Guyyaa afuriif daa’ima waliin waajjira poolisii Magaalaa Nageelle jiruu jedhu firri isaanii kun. Dabalaniis yoo dubbatan firri Aadde Darmii poolisii waan sodaanneef waan nyaatamuu fi uffatallee ijoolleedhaan waajjira poolisiitti erginaaf jechaaan himan.

Ammas warri yeroo mootummaan torbee darbe kanaa kaasee ‘nageenya kabachiisuuf tarkaanfii fudha jedhe’ ka to’annaa jela oolan marti mana murtiif hin dhiyaanne jedhu jiraattonni Gujii Bahaa.

‘Aanotii Gammoojjii Gujii Bahaa Keessati Namootni Hedduun Hidhamaa jiru’ - Jiraattota

Jiraataan waa’ee warra qabamee VOA’f himan kaanis dubartoonni hoosisan 10 ol Waajjira Poolisii Magaalaa Nageellee keessa jiraachuu dubbatnii jiran. Waa’ee warra hidhaman maaf akka mana murtiif hin dhiyaanne gaafattanii deebii maal argattanii jedhee firoottan namoota hidhamanii gaafatamanii yoo deebisan, dargaggoonni gaaffii akkasii kaasuun yakka ta’eera baayyee sodaannaa jedhu.

Gama biraan ammas jiraattonni Gujii Bahaa keessumaa maatii warra bosona jiruutii jechaan nu shakkanii bakka tokkotti walitti nu qabaa jiruu jedhu. Akka jiraattonni jedhanitti miseensonni poolisii Oromiyaa fi humnootni naga kabachiiftota mootummaa Gujii Bahaa keessaa bakka lamatti ‘Maatii Shanee’ jechuun maatii warra hidhannoon naannoo keessa socho’uu walitti qabaa jiru.

Bakka maatiiwwan kun walitti qabamaa jiran keessaa tokko Aanaa gumii eldallootti akka argamu himame. Nami maatii miseensa 20 qabu of harkaa qaban tokko gara Kaampii kanaa bulchitoota gandaa, milishoota gandaa fi poolisootaan maatii waliin fidamuu dubbatu. Maanguddoon kun kanaaan dura miseensi maatii isaanii waan ‘Qabsoo hidhannootti’ makameef gabaasa goonee turree jedhan. Sana booda amma humni poolisii mootummaa dhufee gara kaampii Eldalloo keessa jiruutti akka isaan galche himan.

Achi keessattis nyaata dhabuun akka rakkataa jiran himanii, loowwan fi qabeenya horii qabnuun akka maatii koo hin soorre dhorkamee jedhu.

Jiraataan kun amma Buufata Gumii Eldalloo jiru kana keessatti maatii isaanii woliin warri humna naga kabachiiftota mootummaa akka eeganii jiran dubbatanii, poolisoonni kun ammas maatii haarawa akka fidaa jiran, isaanis ta’e maatiin isaanii yoom akka gadhiifaman hin beeknuu jechaan VOA’f himan.

Himata jiraattotaa kana Bulchiinsa Godina Gujii Bahaa gaaffeen ture. Obbo Weldee Dhugoo hoogganaa waajjira bulchiinsa fi nageenya Gujii Bahaati. Isaanis waa’ee warra torbee darbe kanaa kaasee to’annaa jela jiru yoo dubbatan marti isaanii warra hidhattoota duuka hidhata qabuudhaa jechuun morman. Isaan keessa dubartoonni ulfaa fi ka daa’ima hoosisan akka jiran, jaarroleenis jiraachuu eerreefii jennaanis odeeffannoo hin qabu jechuun dubbatan.

Obbo Weldeen warra to’annaa jela jiru kana sa’a 24 keessatti maaliif mana murtiif dhiyeessuun hin dandaa’amne gaaffii jedhu gaafatamanii qorannoo gaggeessaa jirrutu hedduudha kanaaf dhiyeessuun dadhabame jedhan. Kaan waa’ee maqaa maatii shanee jedhuun nami adda fooyamaa jira jedhaameeti. Dhimma kana ilaalchisuun yoo dubbatan Obbo Weldeen ‘an dhimma kana odeeffannoo hin qabu, garuu humni naga kabachiiftota mootummaa ummata fi warra qabsoon socho’u adda baasuuf karoora baafatanii hojiirra jiruu jedhan’.

Jiraattonni Gujii Bahaa torbee darbe ‘warra hidhatee socho’u duuka hidhata qabdu’ maqaa jedhuun namootni 700 0l hidhamuu ka dubbatan yoo ta’an; Obbo Weldeen garuu lakkoofsa namoota to’annaa mootummaa jela jiranii ifa gochuurraa of qusatanii jiran.

XS
SM
MD
LG