Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Mirga Namaaf Falmu Sudaan Kibbaa Hidhamtoota Akka Gad dhiistu Gaafatae


Ennaa vaayiresiin koronaa hidhamtoota kumaan laka’aman kanneen keellaa namoonni humnaa ol keessatti heddummaatan Sudaan kibbaa keessaa qabatee jirutti biyyattiin hidhamtoota himannaan irratti hin dhiyaanneef kanneen yeroo itti murtaa’e irra hedduu fixan akka gad dhiistu gareen mirga namaa Human Rights Watch gaafatee jira.

HRW akka jedhetti keellaan hidhaa sun namootaan guutuu, qulqullina kan hin qabaannee fi kunuunsi fayyaa ga’aan waan hin jirreef vaayiresiin koronaa faca’uuf bakka mijataa dha.

Daangaa cufuu, uggura imalaa kaa’uu, wal ga’ii mmataa rarraasuun kun martinuu sochii gaarii faca’ina vaayiresii koronaa ittisuuf mootummaan fudhate garuu hidhamtoonni amma iyyuu balaa vaayiresii Kanaan qabamuu keessa jiru jechuu dhaan HRWtti qorattuun dame Sudaan Kibbaa Nyagoah Tut pur ibsaniiru.

Sudaan kibbaa faca’ina vaayiresii kanaa ittisuuf jecha namoonni mana hidhaa akka hin daawwanne illee dhorkitee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG