Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaaniyaan Kutaan Ameerikaa Mizuuriin Kan Dhiyeesse Himannaa Seeraa Fudhatama Dhabsiiste


Ministriin haajaa alaa China kutaan US Mizuuriin weerara COVID -19f Chaayinaatu itti gaafatama jechuun himannaa seeraa kaleessa dhiyeesse Chaayinaan fudhatama dhabsiiste.

Abbaa alangaa Muummichi kutaa Mizuurii Eric Shmitt, himannaa seeraa kana kan labsan kibxata kaleessaa yoo ta’u angawoonni Chaayinaa weerara uummata miliyoona 2.5 kanneen naannoo addunyaa dhukkubaaf xaaxilee, miliyoonaan kanneen laka’aman hojii dhaa ala taasisuu dhaan Chaayinaa dabalatee dinagdee naannoo miidheef itti gaafatamu jedhan.

Schmitti akka jedhanitti mootummaan Chaayinaa balaa vaayiresii kanaa ilaalchisee ni kijibee, akka inni hin facaaneefis hojii ga’aa hin hojjenne jedhan.

Dubbi himaan ministrii haajaa alaa Chaayinaa Geng Shuang kaleessa tuuta oduuf Beejing keessatti ibsa kennaniin akka jedhanitti kan himannaa seeraa jedhamu kun himannaa bu’uura amanisiisaa fi kan seeraa hin qabaatin kan jibbiinsaa ti jedhan.

Shuang itti dabaluu dhaan angawoonni Chaayinaa erga Amajjii 3 qabee vaayiresii koronaa ilaalchisee mootummaa US waliin itti fufiinsaan mari’ataa jira jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG