Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Uggura Manatti Ittisuu Kaa’ame Kaasuuf  Qalbiin Itti Adeemaa Jiru


Muummee ministiraa Ispeen
Muummee ministiraa Ispeen

Muumichi ministeeraa Speen pedroo Sanchez vaayiresii koronaa dhaabsisiuuf jecha uggurri sochii kaa’ame walakkeesa baatii Caamsaatti

kaasuuf karoorsaa jiraachuu beeksisan. Kaleessa paarlaamaa biyya isaaniif ibsa kennaniin namoonni manaa akka hin bane ittisuun hanga Caamsaa 9tti akka dheeratu yaada dhiyeessanii Ispeen uggura kana laaffisuu ni jalqabdi, garuu adeemsi isaa qalbii dhaan ta’a jedhan

Ispeen keessaa nmoonni kuma 208,000 COVID 19N yoo qabaman yoo xiqqaate 21,700 du’aniiru.

Mootummoonni vaayiresii kana dhaabsisuuf akkasumas gara fuula duraatti weerarri bal’aan akka hin mudanne ittisuuf talaallii barbaadaa jiran.

Waaltaa to’annoo fi ittisa dhukkubootaa USf daayriktera kan ta’an Rober Redfield Washington Postf kaleessa ibsa kennaniin daariqi marsaa lammataa xumura wagga kanaa ennaa jalqabu ulfaataa ta’uu malaa, caasaa eegumsa fayyaa irraan illee dhiibbaa ga’u mala jedhan.

US fi Chaayinaan biyyoota talaallii vaayiresii koronaa yeroo ammaa yaalaa jiran yoo ta’u angawoonni hanga jalqaba wagga dhuftuuttu talaalliin kun uummata bira ga’uu dhiisuu mala jechuun of eeggannoon dubbatniiru.

Angawoonni eegumsa fayyaa Briteen akka jedhanitti Yuniversitiin Oxford talaallii kana kamisa dhuftu namoota irratti yaaluuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG