Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namnii Hundii Tajaajiila Eegumsa Fayyaa Argachuun Mirga Dhala Namaati: Antoniyoo Gutarrees


Faayilii - Antoniyoo Gutarrees
Faayilii - Antoniyoo Gutarrees

Weerarrii vaayrasii koronaa waa'ee mirga dhala namaatti hidhachuuf arifataa jira jedhu barreessaa dureen tokkummaan mootummotaa.

Ibsa kamiisa har'a baasan kanaan tajaajiilli eegumsa fayyaa jiraachuun akkasumas namnii hundi tajaajiila kana argachuu akka qabu mirkanaa'uu qabaa kana malees gargaarsii dinagdee kennamuu warra akkaan midhameef ilaalcha duraa kennuu qaba jedhan.

Dhalli namaa nyaata bishaanii fi mana keessa jiraatu argachuu mootummonni mirkaneessuu qabu jeechuun gaafatan.

Koronaan nama addaan ituu hin baasiin akka fixaa jiru yeroo argaa jirru kanatti caasaaleen biyyoota addunyaa keessa jiran sadrkaa fi jabinni qaban immo rakkoo ta'e akka jiru ibsan.

Kanaaf jecha rakkooleen weerara dhukkuba kanaan dhufan marti furmaata argachuun isaanii hbatamuu qaba jechuun Antoniyoo Gutarrees beeksiisan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG