Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ehama Amerikaa Keessa Jiraachu ykn "Griin Kaard"Keennuu yeroof Dhaabnee Jirra:Prezidaant Traamp


Kunis Jimaata Ebla 24, bara 2020 jalqabee guyyoota jaatamaaf hojii irra kan oolu yoo ta'u kanas prezidaant Traamp Robii kaleessaa jechuun Ebla 22 bara 2020 mallatteessan.

Sababaan kennamees lammiwwan Amerikaa yeroo weerara vaayrasii koronaa kanatti hojii, tajaajiila eegumsa fayyaa fi kanneen biro irratti carraa duraa akka argatan gochuuf jedhamee jira.

Guyyaan kennamee jaatamnii itti dabaluu, irraa hanqisuu, bifa biraan dhiyeessuu ykn jijjiruu malla jedan prezidaant Traam.

Ajajii kennamee kun namoota Amerikaan ala jiraataa ehama jireenyaa ykn Griin Kaardiif kanneen iyyataa jiran malee warra Amerikaa seenee deemsa imiigreeshinii keessatti ehama jireenyaa kana gaafataaa jiran kan hin ilaallannee ta'uun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG