Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Waraanaa Kan Iraan Amerikaa Akeekkachiisan


Bidiruwwan Iraan kanneen galoo pershiyaa keessa jiran irratti doniwwan waraanaa kan Amerikaa soda uumuu taanaan barbadeessuuf kan jiran ta'u hogganaan waardiyyaa waraaqsaa kan Iraan beeksisanii jiru.

Kunis har'a kan dhaga'ame prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp muddama galoo pershiyaa keessatti biyyoota lamaan giddutti uumamee kan ilaaleen tuttuqqaan Iraan hammaannaan haleelaa jechuun eega ajaja kennanii booda.

Angawaan waraana Iraan Meejar Jeneraal Hossein Salami humnootiin shoroorkeessoota ittiin jedhan kan Amerikaa galoo sana keessatti waraana Iraan irratti soda nageenyaa uumnaan akka barbadeessanif ajaja kennuu isaanii Televiziyoona mootummaa Iraan irratti dhiyaachuun ibsan.

Yaadawwan Ilaali (13)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG