Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Traamp Itiyoophiyaa Deggeruu Kan Itti Fufan Ta’uu Beeksisabn


Meeshaan hafuur abaafachuuf gargaaru kan US gumaachuuf waadaa seente waaltaalee ittisa COVID-19tti duulan kan nannoleef feggersa guddaa dha jechuu dhaan ministeerri eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa Dr. Liyaa Taaddesee VOAf ibsaniiru.

Prezidaantiin US Doonaald Tramp Sambata darbe ergaa twiiterii maxxansaniin muummicha ministeraa Abiy Ahimed waliin dubbachuu isaanii fi dhukkubsattoota COVID-19f meeshaa hafuura ittiin baafatan dabalate deggersa itiyoophiyaaf godhan kan itti fufan ta’uu beeksisan.

Dr. Liyaan akka jedhanitti Itiyoophiyaan vaayiresii kana ittisuuf ogeessota eegumsa fayyaa leenjisuu irratti akkaan hojjetaa jirti.

Ministriin eegumsa fayyaa dhiibbaa biyytti irratti vaayiresiin kun qabu maal ta’uu akka danda’u illee tilmaama saayinsii irratti hundaa’e arguuf hojjetamaa jira jedhan.

Uggurri sochii kaa’ame ilaalchisee haalli hawaasummaa fi dinagdee rakkoo ta’uu tuqanii, biyyattiin qalbii dhaan uggura kana ni laaffisti jedhan jechuu dhaan Eden Geremew gabaasteetti.

Yaadawwan Ilaali (7)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG