Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi ministeeraa Xaaliyaanii Uggurri Vaayirasii Koooronaaf  Kaa’amee Ture Akka Laaffatu labsan 


Sababaa Vaayirasii Koronaantiin uggurri sochii lammiwwan Xaaliyaanii irraa kaa’amee ture Caamsaa 4 dhufaa jiru irraa jalqabee, suutaa suutaan irraa laaffifamuu jalqaba. Tahus garuu, “lakkoobsi namoota vaayirasichaan qabamanii akka salphaatti deebi’ee ol ka’uu mala, “ ka jedhu ammallee yaaddoo qaba – mootummaan biyyattii. Kan kaleessa galgala Televiiziyoona biyyaalessaaf uummataaf ibsa kennan – muummichi ministaraa Xaaliyaanii – Juuzeppee Kontee, yeroo tarkaanfii marsaa lammataa kanatti akka lammiwwan biyyaa itti gaafatamummaa fi of eegganaa duraan agarsiisan itti fufan waamicha dhiheessan.

Akka muummichi ministaraa Juuzeeppee Koontee jedhanitti, lammiwwan Xaaliyaanii marsaa ammaatti maatii ofii waliin wal-ga’uu danda’u. Garuu gurmuu xixiqqoodhaan tahuu qaba. Ammallee sababaa amansiisaa tokko malee kutaa Xaaliyaanii tokkoo gara kutaa ka ka biraatti imaluun hin eyyamamu. Lammiwwan imala akkanaa deeman unkaa yokaan foormii sababaalee akka dhimma hojii fi fayyaa ibsan harkatti qabatanii socho’uu qaban.

Paarkiileen yokaan bakkawwan bashannanaa waan banamuuf jiraniif, lammiwwan Xaaliyaanii amma akka naannoo manneen isaanii qofa turan hin dirqsiisamani. Warshaalee fi proojektiileen ijaarsaa hojii isaanii jalqabuuf jiran. Garuu, manneen bunaa fi manneen nyaataa, yeroof namoota bitatanii deebi’an qofaaf tajaajila kennu, jedhama.

“Haga Fulbaana dhufuutti, barattoonnii fi barsiisonni gara manneen barnootaatti hin deebi’an,” jedhan – Muummichi-ministaraa Koonteen. Gabaasaa guutuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG