Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubii Kooviid Dhibbaa Inni Ijoollee Irraan Ga'e Guddaadha: HRW


(Suuraa faayilii)

Sababaa weerara vaayrasii koronaan ijoolleen Biliyoona tokkoo fi walakaatti tilmaamaman manni barumsaa itti cufamee jira.

Ijoollee kuma hedduun sababaa dhukkuba kanaan warra ofii dhabaniiru kan jedhu gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach(HRW) muxannoo ammaan dura Ibolaa fi dhukkuba Edsii Afrikaa mudatee irraa argameen ijoolleen haala akkasiin warra ofii dhaban carraa hamaatu isaan eeggata jedhan.

Kunis hojii sagaagalummaa fi hojii humnaa umrii isaanii wal hin madaalleef saaxilamu.

Sababa weera vaayrasii Koronaan namnii Miliyoona 200 hojii kan dhabuuf jiran ta'u jaarmayaan hojjattootaa kan sadarkaa addunyaa gabaasee jira.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG