Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meeshaa Hafuura Baafachuuf Gargaaru Kan Rakasa Ta’e Hojjechuu Gareen Briteen Keessaa Beeksise


Gareen hospitaala Briteen keessaa tokko meeshaa hafuura baafachuuf gargaaru kan gatiin isaa gad aanaa dhaan argamu jedhanii fi dhukkubsattoota vaayiresiin koronaa qabe gargaaruuf sirriitti hojjetu kan qopheessu ta’uu beeksisee, kunis biyyootii guddataa jiran kanneen caasaan eegumsa fayyaa isaanii dadhabaa ta’eef hedduu dhaaf battala dhaqqabuu danda’a jedhan. Ennaa weerarri COVID-19 addunyaa dhuunfate kanatti meeshaan hafuuura baafachuuf gargaaru /ventilator/ akkaan barbaadamaa jira. Doktoroonnii fi Injineroonni koollejii Imperiyaal jedhamu kan London meeshaa hafuura baafachuuf gargaaru kan kan addunyaa kamiinuu keessatti salphaatti hojjetamuu danda’u uuman jechuuuu dhaan hoogganaan projektii Sanaa Dr. Joseph Sherwood dubbataniiru.

Meeshaan kun inni jabanaa doolaara kurna kumaan laka’amu yoo baasu Kan JamVent jedhu kun garuu akka salphaatti argama, nuti meeshaa jabanaa kan duraan dorgomuu keenya miti garuu akka salphaatti hojjetamee dhukkubsattoota COVID 19 gargaaruuf oola jechuu dhaan kan meeshaa kana hojjechuu gargaaran keessaa Dr. Jakob Mthiszig Lee beeksianiiru.

Biyyoonni gargaaramuu danda’anii fi caasaan eegumsa fayyaa sanii dadhabaa tae kan akka biyyoota Afriikaa hanga tokko kanneen hanqina qaban jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG