Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaan Addunyaa Kan Ameerikaa Erga Dawaan Vaayiresii Koronaa Yaaliif Dhiyaachuun Dhaga’ame As Ol Ka’ee jira


Gabaan addunyaa kan London, kan Fraankfurt fi Paaris xiqqoo ennaa bu’aa argantan gad bu’uun isaa beekamee jira.

vaayiresii koronaaf dawaan yaaliif ba’e kan dhukkubsattoonni dhibee koronaa irraa hatattamaan akka fooya’an gargaaru kan rmede-sivir jedhu beeksisamuun ennaa dhaga’amu gabaan Ameerikaa kaleessa ol ka’ee jira.

Ba’ii argames daayirikterichi waaltaa dhukkubooa daariqaa ykn infekshinii to’atuu Dr. Antonii Faawuchii galateeffatanii baay’ee abdachiisaa dha jedhan.

Oduu gaariin itti dabalaa gama Briteenii dhaga’ames qorattoonni University Oxford talaalliin vaayiresii koronaa kan yeroo ammaa namoota irratti yaalame jalqaba baatii Fulbaanaa irra uummataaf ni dhiyaata jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG