Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Ameerikaa Kanneen Vaayiresii Koronaan Du’uuf Jiran Hanga Kuma 100 Ta’uu Mala: Prezidaant Doonaald Traamp


Prezidaant Doonaald sababaa vaayiresii koronaan namoonni meeqa du’uu akka danda’an tilmaama isaanii ol kaasuu dhaan dinagdeen biyyattii deebisee akka banamu yaalaa ennaa jiranitti deggersi dinagdee itti dabalaa kennuuf waadaa seenan.

Namoota kuma 75, ykn kuma 80- kuma 100tti dhabuuf deemna, kun waan suukaneessaa dha jechuu dhaan Tramp dilbata kaleessaa dhaabbata caasaa oduu Fox News jedhuuf ibsanii jiran.

Torban darbe namoonni vayiresii koronaan du’an kuma 60 hanga kuma 70 ga’uu malu jedhanii turan.

Senetiin Wixata har’aa wal ga’uuf qophaa’aa ennaa jir kanatti mootummaan federaalaa gargaarsa gargaarsa yeroo hatattamaaf kan ramade doolaara biliyoona 3 dachaa dabaluu danda’a jedhan. Hanga amaatti maallqi sun daldalaawwan xixiqqoooon hojii akka itti fufan, meeshaalee hospitaalaa fi uummata biyyattiif maallaqa erguu dhaaf oole. Tramp akka jedhanitti gargaarsi itti dabalaa dhufuu jira.

Yunaayitid Isteeis keessaa namoonni miliyoona 1.1 vaayiresii koronaan yoo qabaman kanneen kuma 68 ta’a du’aniiru.

White Housetti gurmuu duula koronaa irratti geggeessamu kan hoogganan Dr. Deborah Birx akka jedhanittii gorsi gaariin lammiiwwan Ameerikaa harka dhiqachuu akka itti fufan akkasumas manaa akkahin bane jedhan. Itti dabaluu dhanias talaalliin vaayiresii koronaa hanga Baatii Amajjii dhuftutti qophaa’uu mala jedhanis garuu hin mirkanoofne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG