Xurree ittiin seenan

Breaking News

Danqaa Uumamee Furuuf Paarlaamaan Itiyoophiyaa Yaada Furmaataa Dhiyaatan Irratti Sagalee Kennee Jira


Faayilii - Mummicha ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad J
Faayilii - Mummicha ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad J

Mootummaan Mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad Jalqaba baatii Onkolooleessa dhufuu kaasee aangoo irra akka turu gochuuf yaada mootummaan dhiyaatan afur keessaa innihiikkaan gama heeraa haa barbaadamu isa jedhu paarlaamaan biyyatti raggaasisee jira.

Filannoon guutuu biyyaa itiyoophiyaa keessatti baatii Hagayya dhufu gaggeeffamuuf ture sababaa weerara koronaan akka yeroo biraatti darbu taasifamuun ni yaadatama.Mootummaan amma aangoo of harkaa qabu baatii Fuulbaanaa booda aangoo akka gadhisuuf heerri biyyatti waan ajajuuf falli gama seeraa fi heeraa barbaadamaa jira.

Yaadii kanneen biroon mootummaan dhiyeessee ture sadeen paarlaamaa biyyatti diiguu, heera biyyatti foyyeessuu akkasumas labsii hatattamaa yeroo inni hojii irra itti ooluu dheereessuu kan jedhu ture.

Danqaa Uumamee Furuuf Paarlaamaan Itiyoophiyaa Yaada Furmaataa Dhiyaatan Irratti Sagalee Kennee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:26 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG