Xurree ittiin seenan

Breaking News

White House Hojii Gurmuu Duula Vaayiresii Koronaatti Duuluuf Hundaa’e Kan Dhaabu Ta’uu Beeksise


Miseesota gurmuu duula vaayrasii koronaatti duuluuf hundaahee
Miseesota gurmuu duula vaayrasii koronaatti duuluuf hundaahee

Enna lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan haaraa qabaman dabaaa deemee guyyaatti kuma 20 ol ta’ee jiruu fi guyyaa guyyaan namoonni kuma tokkoo hanga kuma lamaa du’aa jiran kanatti White Housee hojii gurmuu dhimma koronaatti duuluu qindeessu ji’a tokko keessatti kan cufu ta’uu beeksise.

Itti aanaa prezidaant Mike Pence akka jedhanitti bulchiinsichi xumura baatii Caamsaa ykn jalqaba baatii Waxabajjiitti bulchiinsa dhimma kana qindeessu kan biyyoolessaa gurmuu kana irraa gara jaarmolii federaalaatti dabarsuuf jira jedhan. Sochiin kunis akka biyyaatti fooya’ina guddaa nuti agarsiifne mul’isa jedhan

Akkuman duraan jedhe jedhan Pence wal hirraa hiiqinsa hawaasummaa itti fufnee karoorri dinagdee deebisanii baanuus bifa iti gaafatamummaaf of eeggannoo qabuun ta’a jedhan

Kan Trampiin yeroo hedduu qeeqanii fi bara 2014 ennaa bulchiinsa prezidaantii duraanii Baraak Obaamaa dhibee Eeboolaa Afriikaa dhiyaatti duuluuf gurmuu hundaa’e hoogganaa turan Ronald Klain, karoora bulchiinsichatti walii hin galan. Qindeessa duula Eboolaa hoogganuu kan ani dhiise ennaa torbanitti namoonni shan qabamaa turanitti jedhan. University Washingon waaltaa eegumsa fayyaaf prefosora kan ta’an Alii Mokdaad utuu itti gaafatama irra jiraatanii grumuu koronaatti duuluttin fuuleffadha male hin dhabamsiisu jedhan.

Waaltaan Eegumsa fayyaa qoratu kan Washington Seatle akka tilmaametti US keessaa hanga jalqaba baatii Hagayyaatti namonin kuma 135,000 du’uu malu. Lakkoobsi kunis kutaalee US 30 keessaa sababaa namoonni manaa ba’uun eeyamamuu irratti hundaa’ee ti jedhan US keessaa namoonni miliyoonni 1.2 vaayirsii koronaan yoo qabaman kanneen kuma 71 ol ta’an du’aniiru..

Weerarri vaayiresii koronaa dinagdee guutuu addunyaa laamshessee jira. Angawoonnii Awrooppaa walumaa gala utuu namoota manaa ba’uu utuu hin eeyamin dura lakkoobsi namoota vaayiresii kanaan qabamanii hanga gad xiqqaatutti eegaa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG