Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masriin Gola Naga-eegumsaatti Himannaa Dhiyeeffatte


Biyyonni sadeen jechuun Sudaan, Masrii fi Itiyoophiyaa walii galtee tokko irraa ituu hin ga'iin dura hidha Abbayyaa bishaan guutuuf Iyoophiyaan karoorfachuun ishee nagaa fi nageenya nannoo irratti balaa fidu qaba jechuun Masriin gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummotaatti iyyatte.

Baatii Adooleessa fullee keenyaa bishaan guutuuf karoora Itiyoophiyaan qabdu hin fudhannu kan jettu Masriin hawaasnii addunyaa akka isheen kana hin goonee akka dhaabsiisu akkasumas galmee walii galtee Amerikaa fi baankiin addunyaa dhiyeessan akka fudhattuuf dhiibbaan godhamuu qaba jetti Masiin.

Ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa keessatti dubbi himaa eeggataa kan ta'an Obbo Amsaaluu Tizaazuu Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti garu himannaan Masriin dhiyeessitee hundumtuu hundee hin qabu jedhan.

Marii gaggeeffame kamiin iyyu irratti bishaan giituun turuu qaba kan jedhu waliigalteen tolfamee hin jiru jedhan.Kana malees Itiyoophiyaan jalqaba ijaarsa hidha kanaa yeroo jalqabde attamiin gaggeessuu akka qabduu waan lafa keesse qabdi.

Itiyoophiyaan galmeer ergame ishee ga'e seeraan ilaalaa jirti waan ta'eef gaaffii dhiyaateef deebii ni kenniti jedhan Obbo Amsaaluun.

Garu akka amantii Itiyoophiyaatti jedhan gollii naga eegumsaas ta'e qaamnii biraa kam iyyu kan furmaata arganiif otoo hin taanee biyyonni sadeen giddutti kallattiin marii gaggeeffamuutu furmaata argamsiisa jedhanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG