Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Ce’umsaa Utuu Hin Taane Ammaaf Yeroo Ce’umsaatu Barbaachisa: Paartilee Morkattoota Naannoo Amaaraa


Biyya paartileen morkattootaa ejjennoo waliinii hin qabaanne keessatti mootummaan ce’umsaa haa hundeeffamu jechuun biyyattii jeequmsa hamaaf saaxiluu dha jechuu dhaan paartileen morkattoota naannoo Amaaraa keessa sosso’an beeksisaniiru.

Sochiin dimokraasummaa Amaaraa /ABIN/ fi sochiin humnoota dimokraasummaa Amaaraa dhimma biyyattii kan yeroo irratti ejjennoo qaban VOAf ibsaniiru.

Weerarri vaayiresii koronaa dhabamee filannoon hanga geggeessamutti mootummaan aangoorra jiru bakkuma jiru turuu qaba jechuun ejjennoo isaanii ibsaniiru.

Biyyattiin yeroo ammaa kan isee barbaachisu mootummaa ce’umsaa utuu hin taane yerooo ce’umsaa akka ta’u paartileen kun ibsaniiru jechuun Asteer misgaanaaw gabaasteetti.

Manni murti walii galaa kan naannoo Amaaraa dhaddacha har’a ooleen malaammaltummaa dhaan yakkamtoota kan ittiin jedhe angawoota mootummaa kan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG