Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasan Jibbiinsaa Addunyaa Irraa Akka Dhaabatu Muummichi Barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Gaafaatan


Weerarri vaayiresii koronaa bubbee jibbiinsaa, loogii sangii fi wal qeequu fide jechuu dhaan muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa dubbatan.

Antooniyoo Guteres haasan jibbiinsaa addunyaa irraa akka dhaabatu duulli gutuu addunyaatu barbaachisa jechuun dhaamsa dabarsan.

Vaayiresiin kun faca’uun hoogganoonni addunyaa fi lammiiwwan kannen biroon weerara kanaaf gareelee hanga tokko akka himatan godhe. Koolu galtoonnii fi baqattoonni yeroo tokko tokko akka waan madda dhukkubichaa ta’anitti ilaalamuu dhaan haala hanga tokkoon ennaa kunuunsa eegumsa fayyaa dhorkataman argama jedhan Guterees.

Gaazixeessonni, kanneen himannaa dhiyeessaaaan, ogeessonni fayyaa, hojjettoonni gargaarsaaf kanneen mirga namaaf falman hojii dhuma isaanii hojjechuu isaaniin irratti fuuleffatama jedhan. Namni martinuu jibba balaaleffachuutti akka duulu, kabajaa walii walii akka eegu, carraa argame malaan gara laafummaa akka labsu hoogganaan tokkummaa mootummootaa kun gaafataniiru.

Addunyaa kana irraa uummanni miliyoonni 3.8 vaayiresii koronaan yoo qabaman kanneen kuma 269,000 ol ta’an du’aniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG