Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Vaayiresii Koronaan Raafamuu Itti Fufe


COVID
COVID

Sochiin lafaa Iraaniin mudate biyyattii koronaatti duuluuf qabsooftutti dabalame. Uummanni kumaan laka’aman har’a ganama tarkaanfii wal irraa hiiqiinsa hawaasummaa kan vaayiresicha ittisuuf lafa kaa’ame dhiisanii daanii Teeraan irratti ba’an. Kirkira lafaa har’a ganama kana magalaa galma mootummaa biyyattii mudate kanaan yoo xiqqaate namoonni lama du’uutu gabaasame.

Austraaliyaan dinagdee biyyattii banaa taasisuuf karoora sadarkaa sadii baafattee jirti.

Kutaaleen biyyaa Yunaayitid Isteetis qorannoo COVID-19 jiraattota isaaniif gochuuf rakkataa ennaa jiran kanatti prezidaant Doonaald Traampii fi itti aanaa prezidaant Maayik Peens erga shofeerri konkolaataa prezidaantii oofu vaayiresichaan qabamee qabee guyyaa guyyaatti qorannoon geggeessamaafii jira. Utuu shofeerri kun hin dhukkubsatin dura hoogganoonni Ameerikaa kun lamaan torbanitti guyyaa tokko qorannoo godhataa turan.

Jaarmayaan fayyaa addunyaa akka jedhetti yoo vaayiresiin koronaa hin to’atamju ta’e Afriikaa keessaa uummanni hanga miliyoona 44 vaayiresii Kanaan yoo qabamu kanneen kuma 190,000 ta’an du’uuf jiru.

Barreessaa duraan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guterees akka jedhanitti jarmiyichi addunya biyyoonni hiyyeeyyii ta’an vaayiresii koronaatti akka duulaniif gargaarsa doolaara biliyoona $6.7tu barbaachisa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG