Xurree ittiin seenan

Breaking News

Odeeffannoon Dogoggoraa Waa’ee COVID-19 Daldala Keenya Miidhe Jedhu Daldaltoonni Magaalaa Baahir Daar


Magaalaa Baahir Daaritti kan argaman namoonni qurxummii qabuu irratti bobba’anii fi mana nyaataa qurxummiin itti gurguramu qaban gabaa waan dhabaniif komee dhiyeessaa jiran. Rakkoon gabaa kan uumame qurxummii nyaachuun vaayiresii koronaa daddabarsa kan jedhu ragaan dogoggoraa tamsa’uu isaan kan ka’e jedhu..

Ministriin eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa, qurxumii nyaachuun vaayiresicha daddabarsa ragaan jedhu kan dogoggoraa ti jechuu dhaan dheedhii isaa nyaachuun garuu gaarii akka hin taane yaadachiisee jira

Itti gaafatamaan sab quunnamtii ministrichaa Dr. Tegenee Raggaasaa VOAf akka ibsanitti uummati ragaa dogoggoraa sana simachuu dhiisee of eeggannoo barbaachisu gochuu dhaan qurxummii nyaachuu akka itti fufu beeksisaniiru jedhan jechuun Aster Misganaw Bahir Dar irraa gabaasteetti.

XS
SM
MD
LG