Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Chaayinaa Kunshaan Dirree Dhawaaf Meeshaa Koronaa Of Irraa Ittisan Erge


Magaalaan Dirree Dhawaa magaalaa Chaayinaa kunshaan biraa meeshaalee vaairesii koronaa of irraa ittisuuf deggeran argattee jirti. Magaalaaleen lamaan walii galtee obbolummaa kana dura walii mallatteessanii jiru. Gama biraan bulchiinsi Dirree dhawaa dhimma vaayiresii koronaan wal qabatee qamotii dinagdeen isaanii duraa miidhameef qarshii miliyoon 106 dilaala irraa walaba akka ta’an godhee jira.

Magaalaan Chaayinaa Kunshan konyaan Jiangsu magaalaa obboleettii taate Dirree Dhawaaf meeshaalee koronaa irraa of ittisan gumaachee jira. Gumaachi kun ventileeteroota shan, glaaviisii 100, 000 maaskii 50,000 fi meeshaalee ittisaa ka biroo 600 ta’uu Addis Chekol gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG