Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Naaamoota Ameerikaa Keessaa Vaayiresii Koronaan Du’anii Kan ibsameen Ol Ta’uutu Himame


Daayirikdterri waaltaa dhimmoota dhukkuboota daariqaa kan US Dr. Anthony Fauchii, sababaa vaayiresii koronaan lakkoobsi namoota Ameerikaa keessaa du’ani kan gabaasame 81,000 ol ta’uu kaleessa beeksisaniiru.

Yoo magaalaalee fi kutaaleen biyyaa ariifatanii dinagdee banu ta’e daafoon isaa hamaa ta’uu akeekkachiisan.

Faauchiin kaleessa boordii senetii akkaataa US weerara kanaaf deebii kennite qoratuuf akka ibsanitti, vaayiresii koronaa tiin keessumaa naannoo magalaa New York keessatti sirnaan uttuu hin laka’amin mana keessatti kan du’an hedduu dha jedhanii lakkoobsa hagamii akka ta’e garuu dubbachuu irraa of qusataniiru.

Faauchiin walumaa gala weerarri kun baatii Fulbaanaa hanga Sadaasaa yeroo jiru gidduutti ni hammaata jedhanii, garuu biyyattiin hangasitti isa ammaa caalaa furmaata ni argiti jedhanii kan abdatan ta’uu dubbatan.

President Donald Trump daldalaawwanii fi bulchaawwan kutaalee biyyaa addunyaa irraa dinagdee beekamaa kana akka deebisanii akka banaman tuttuqaa turan, garuu bulchaawwan kutaalee 50 keessaa xiqqoo qofaatu suuqileen hangi tokko fi waajjiraaleen haala murtaa’aa ta’ee fi of eeggannoo dhaan akka hojii jalqaban ajajan.

Faauchiin akka jedhanitti US keessaa talaalliin vaayiresii koronaa sadeeti qophaa’ee jira, yoo itti milkoofne xumura baatii Fulbaanaa ykn jalqaba baatii gannaa irra adda baafanna jennee abdanna jedhan.

XS
SM
MD
LG