Xurree ittiin seenan

Breaking News

IS Kilinikii Dubartoota Ulfaa Irratti Haleellaa Raawwachuun Lubbuu Hedduu Galaafate Jedhame


Jalqaba torban kanaa Afgaanistaan keessaa kilinikii dubartoota ulfaa fi bakka awwaalchaatti haleellaa raawwatame booda IStu jira jechuu dhaan US beeksistee jirti. “ISIS haleellaa suukaneessaa akkasiitti siiviloota irratti raawwatamutti kan gammadu yoo ta’u uummata Afgaanistaan akkasumas kan addunyaaf balaa dha jechuu biyyattiitti jila Ameerikaa kan ta’an Zalmay Khalizaad ergaa Tweeter maxxansaniin beeksisaniiru. Dhaaba shororkkeessaa giddu galeessa bahaa keessa maadheffate jechuun illee ibsaniiru.

Haleellaan sun kan raawwatame Kibxata of wareegdonni dhuka’aa ofitti hidhatanii fi qawwee qabatan keellaa kilinikii dubartoota ulfaa weeraranii dhukaasa bananiin namoota 24 ajjeesanitti ture.

Sa’aatii tokko booda immoo of wareegaan tokko konyaa Fgaanistan gama bahaa Nangarhaartti kan argamu bakka awwaalchaatti boombii ofitti dhoosuu dhaan namoota 32 yoo galaafatu kanneen biro 100 madeessee jira.

Haleellaa boombii bakka awwaalchaa sanaaf IS itti gaafatama yoo fudhatu kan weerara suukaneessaa hospitaalaa galma mootummaa Afgaanistaaniif garuu gareen itti gaafatama fudhate hin jiru.

Kilinikiin dubartoota ulfaa sun Ferensaay keessa kan maadheffate garee Doktors Without Bordersn kan geggeeffamu yoo ta’u naannoo Kabuul gama dhiyaatti argamu kana keessa irra hedduu miseensota sabxiqqaalee Hazara warra Shiaatu keessa jiraata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG