Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obaamaan Waliigalaan Dandeetti Hin Qabu: Prez Traamp


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Beekna Ituu Jedhanii Golgaan Irraa Ciramee Saaxilaman:prez Obaamaa

Prezidaantiin Amerikaa duraanii Baaraak Obaamaa nama dandeetti hin qabnee dha jechuun prezidaant Traamp Dilbata kaleessaa dubbatan.

Prezidaant Obaamaan haala Yunaaytid Isteetes weerara dhukkuba koviid-19 ittisuuf itti hojjataa jirtu irratti eega qeeqa dhiyeessanii booda Traamp deebii kana kennan.

Obaamaan Sanbata darbee galgala barattoota baruumsa sadarkaa adda addaan bara keessa jirru 2020 eebbifamanii ba'aniif gama Televiziyonaan haasawaa dhageesiisan kanaan, kanneen itti gaafatama irra jiran fi nutii waan hojjannu beekna jedhan suun golgaan irraa ciramee Qullaatti Hafan jedhan.

Waa'ee haasawaa Obaamaa kana kan gaafataman prezidaant Traamp deebii kennaiin, inni prezidaantii dandeetti qabu miti. Kanuman jechuu danda'aa.Waluumaagala dandeetti hin qabu jedhan Traamp.

Bulchiinsii Traamp yeroo jalqabaa sana weerara vaayrasii koronaa ija tuffiin ilaaluutu haala jiru daran hammeesse jedhu qeeqxonni.

XS
SM
MD
LG