Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Itiyoophiyaa Biyya Alaa Jiraatan  Gargaarsa Arjooman


Teessoon isaa Yunaaytid Isteetes keessa kan ta'e jaarmayaan "Alaayaans Foor Ze Raayits of Itiyoopiyaans" jedhamu har'a ministeera eeguumsa fayyaa Itiyoophiyaaf meeshaalee gargaarsaa kan qarshii Miliyoona 11tti shalagamuu arjomee jira.

Meeshaaleen kunis vaayrasii koronaa ittisuuf kan oolan Maaskii, waan uffatamuu fi meeshaalee dhangala'aa harka ittiin haaxa'achuuf gargaaru kan ittiin oomishan yoo ta'u maashiniin Oksiijinii ittiin kennan keessatti argama.

Itiyoophiyaatti bakka bu'aa jaarmayaa kanaa ka ta'an Obbo Ammahaa Makonnan akka jedhanti gargaarsii ammaa kun itti fufiinsa gargaarsa hatattamaa ammaan dura kennameeti.

Ministrittiin ministeera eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa Dr. Litaa Taaddasaa gargaarsa arjomameef galateefffatanii fuldurattis akka itti fufuu abdiin qaba jedhan.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG