Xurree ittiin seenan

Breaking News

Botswanaan Uggura Manaa Akka Hin Baane Keesse Kaastee Jirti


Sababaa COVID-19n guyyoota 48f cufataa kan turte biyyattiin Afriikaa gama kibbaa albuuda daayimendiin badhaate Bootswaanaan kaleessa walakkeessa halkanii qabdii qalbii dhaan laaffisuu jalqabdee jirti.

Daldalaawwanii fi maneen barnootaa martinuu akka qajeelfama mootumaatti kan banaman yoo ta’u namni martinuu ho’a qaama isaa to’achuu, maaskii fuulatti kaayyachuu fi yeroo mara harka qulleeffachuu akka qabu ibsamee jira.

Qindeessaa gurmuu ittisa COVID-19 kan ta’an Dr Kereng Masupu tuuta oduuf ibsa kennaniin haalli faca’in a vaayiresii koronaa ilaalamee manatti ittifamuun akka filannootti tura jedhan.

Gama biraan namoonni gara Bootswaanaatti deebi’uu barbaadan bakka qofaa tursiisaman keessa galuu qabu, daawwattoonni biyyootii alaa garuu akka hin seenne kan jedhu akkuma jirutti tura.

Botswanaa keessaa namoonni 29 COVID-19n yoo qabaman kan du’e tokko qofa. infections and one death.

Reuter’s akka gabaasetti mootummaan Bootswaanaa sababaa uggurri daangeffameef gurgurtaa kan dhaabe industrii daayimendii dabalatee daldalaawwan hojii dhaaban deggeruuf doolaara miliyoona $400 ramadee jira.

XS
SM
MD
LG