Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Biyyootii G-7 Yeroo Weerara COVID-19 Kallattiin Wal Arganii Marii Geggeessuun Amansiisaa Ta’uu fi Dhiisuu Itti Yaadaa Jiran


Lakkoobsi namoota addunyaa irraa vaayiresii koronaan qabamanii baatii itti aanu miliyoona 5 darbuuf kan jiru ta’uun gabaasamus hoogganoonni biyyoota durooman kan G-7 jedhamanii yaada prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tramp dhiyeessan simachuu dhaan kallattiin wal arguuf itti yaadaa jiran. Traamp yaada kana kan dabarsan kaleessa ergaa Tweeter maxxansaniin yoo ta’u US gara beekamtii iseetti deebitee jedhan.

Tramp akka jedhanitti biyyoonni miseensota ta’an kanneen biroonis dhufuu jalqabaniiru. Kun martinuu sirraa’aa adeemuuf mallattoo dha jedhan. Dubbi himaan mootummaa Jaappan Yoshihideen akka jedhanitti muummichi ministeeraa Shiinzoo Abee argamuun itti yaadamaa jira, biyyoonni lamaan walitti dhiyeenyaan hojjetaa turan jedhan.

Muummichi ministeeraa Justin Trudeau jedhanitti kallattii ykn viidiyoon mariin haa geggeessamu inni jedhu of eeggannoo dhaaf tarkaanfii maalitu fudhatame ykn yaadi hayyoonni kennan maal isa jedhu irratti hundaa’a jedhan.

Waajjira Prezidaantiin Ferensaay Emmanuel Makroon irraa ibsi ba’e akka jedhutti yoo haalli fayyummaa eeyama ta’e imalaaf karaan banaa dha yoo jedhu Chaansilerittiin Jarmanii Angelaa Merkel immoo maal ta’uuf akka jirun eega jedhan. Miseensonni biyyoota G-7 martinuu vaayiresiin koronaa akka hin facaane ittisuuf uggura kaa’ame kaasuu jalqabanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG