Xurree ittiin seenan

Breaking News

Madagaaskaar Loltootaa Fi Doktoroota Magaalaa COVID -19 Itti Hammaatetti Ergite


Madagaaskaar kan biyyattii keessatti faca’ee jiru COVID-19n ittisuuf jecha loltootaa fi doktorota mgaalaa To’aamasiinaatti ergitee jirti.

Madakaaskaar keessaa erga kamisa darbee qabee namoota 122tu haaraa vaayiresii kanaan qabaman.

Loltoonni 100 ol ta’an kanneen To’amasiinaatti egaman nageenya eegisisuu akkasumas ulaagaa maaskii kaayyachuu fi wal irraa hiiqiinsa namootaa kaa’amu akka eegamu gochuuf jecha.

Dubbi himtuun waaltaa ajajaa kan COVID-19 ittisuuf hundaa’ee akka jedhanitti doktoronni du’uun dhiyeenya odola garba Hindii keessatti uumame sababaa vaayiresii koronaan ta’uu fi dhiisuu adda baafachuuf jiru.

AFPn akka gabaasetti kanneen ijaan argan hangi tokko reeffi daandilee To’amasiinaa irratti argamuu fi sababaa du’a isaanii kan hin beekamne ta’uu dubbatu jedhee jira.

Ministeerri kominikeeshinii mootummaa Lalatiyaanaa Rakoton-draa-zafii reeffi daandii biyyattii isa kami irratti iyyuu argamuu haalanii, humnoonni nagaa eegsisan To’amasiinaatti kan ergamaniif sababaa COVID-19 heddummaaaa adeemeef jedhan. Maadagaaskaar keessaa namoonni 527 vaayireisii koronaan yoo qabaman lama immoo du’aniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG