Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Uggurri Imalaa Brazil Irra keesse Har’aa Qabee Hojii Irra Oola


Faayilii - Pirezdant Doonald Trump fi pirezdaant Jeeyir Bolsonaaroo
Faayilii - Pirezdant Doonald Trump fi pirezdaant Jeeyir Bolsonaaroo

Faca’in vaayiresii Koronaa ittisuuf jecha uggurri imalaa Brazilitti geggeessamu har’aa qabee hojii irra kan oolu ta’uun ibsamee jira, kunis kana dura kan White House beeksise guyyaa lama achii as siqee jira.

Angawoonni guyyaan uggura kanaa kamisa irraa gara Kibxataatti achi as siquu isaaf sababaa addaa hin kennine. Uggurri kun namoota biyyootii alaa guyyoota 14 dura gara Brazilitti imalanii turanis ni dabalata.

Angawoonni eegumsa fayyaa akka jedhanitti nama COVID-19n qabame guyyaa qabamee kaasee mallattoon dhukkubaa utuu irratti hin mul’atin guyyoota 14f tura. Statistics-n Yuniversitii Joons Hopkins biraa ba’e akka mul’isutti Brazil Biyya vaayiresiin koronaa keessatti hammaati ishee haaraa ta’uu beeksisee jira.

Ministriin eegumsa fayyaa Brazil Wixata kaleessaa akka jedhetti sa’aatilee 24n darban keessatti namoota 807tu sababa COVID-19n du’an. US keessaa guyyooa tokkootti namoota 620tu du’an.

White House akka beeksisetti uggurri kun namoonni biyyootii alaa kanneen Brazilitti imalanii turan biyya keenya keessatti madda faca’ina vaayiresii itti dabalaa akka hin taaneef gargaara jedhee jira. Prezidaant Doonaald Traamp Chaayinaa, Iraan, Briteen, Ireland fi biyyoota Awrooppaa 26 irra uggura imalaa kaa’uun ni yaadatma.

Hoogganaan Jarmayaan fayyaa addnunyaa kaleessa akka jedhetti angawoonni qorannaa geggeessaa ennaa jiran kanatti dawaan farra dhibee busaa hydroxychloroquine jedhamu akka hin fayyadamne beeksisanii jiran.

Teedroos Adhaanoom gaazixaa Lancet jedhamu kan barreessaan qorannaa maxxanfamee lakkoobsi namoota COVID-19n qabamaniif dawaa kana fudhatanii du’anii hedduu ta’uu tuqanii jiran. Dawaan kun nnamoota dhibee busaan qabaman, ykn dandeettii dhukkuba ofi irraa ittisuu hin qabaanne qofaaf kennama jechuun cimsanii yaadachiisaniiru.

Saud Arabiyaan dilbata kaleessaa qabee uggura imalaa biyya keessaa, sagada masgiidatti geggeessamuu fi maneen nyaataa fi kaaffee dabalatee ajaja akka cufamuuf keesse laaffistee jirti. Ibsi dhaabbata oduu biyyattiin kenname akka jedhutti uggurri martinuu magaalaa Makkaa irraan 9kan hafe Waxabajjii 21 qabee dhumata. Saaudii keessaa namoota 75,000tu vaayiresii koronaan qabaman.

Muummichi ministeeraa Briteen Boris Jonson biilsaalee alatti gabaan geggeessamu Waxabajjii 1 qabee akka banamu kan kanroorsan yoo ta’u suuqileen immoo Waxabajjii 15 qabee akka banaman beeksisaniiru. Of eeggannoo godhachuu dhaan balaan weerarri vaayiresii kanaa deebisee akka hin kaana bifa ittisuun ta’uun barbaachisaa dha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG