Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Labsii Koronaa Ittisuuf Ba'e Cabsan Ni Adabaman: Bulchiinsa Naannoo Uummattoota Itiyoophiyaa


Magaala Hawaasaa
Magaala Hawaasaa

Bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti labsii qajeelfama yeroo hatattamaa faca'iina vaayrasii koronaa ittisuuf ba'e namoonni cabsan 2600ol ta'an irratti tarkaanfiin fudhatamuu komishinni polisii naannoo ibsee jira.

Komiishinarrri komiishina polisii naannoo sanaaNebiyyuu Isaayyaas akka jedhanti humnootiin nageenyaa dhimma kana irratti fulleeffachuun hpjjataa waan jiraniif yakka kanneen biroo to'achuun rakkisaa ta'u ibsan.

Faca'iina vaayrasii koroonaa ittisuuf jecha kanneen hidhaa keessaa dhiifamaan gadhiifaman illee yakka kana rawwaachuu keessatti hirmaataa jiru jedhu.

Gama kaaniin Godiina Guraagee keessatti walitti bu'iinsii gosa Maaraqoo fi Masqaan giddutti walitti bu'iinsii uumamee turee amma hanga tokko nagaa ta'u isaa fi furmaata waaraa fiduuf irratti hojjatamaa jira jedhan komishinarichi polisii.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG