Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurraachi Lammii Ameerikaa Harka Poolisiitti Du’uun Mormii Guyyaa Lammataa Dhaqqabsiise


Kutaa Yunaayitid Isteetis MN magaalaa Miniyaapolis keessatti namni gurraachi tokko harka poolisiitti du’uun roobii kaleessaa mormii hookkaraan guutame dhaqqabsiisee jira.

TV irratti fakkiin mul’ate poolisii fi hojjettoonni ittisa ibiddaa suuqii ibiddi itti qabsiisame fuulleetti argamuu mul’ise.

Ibiddi sun kan qabate fuullee buufata poolisii hiriirtonni mormii Kibxata darbe poolisii waliin walitti bu’anitti.

Aariin namootaa kan belbele Wiixata darbe gurraachi lammii Ameerikaa Joorge Flooyid jedhameu cheekii sobaan himannaa wal qabateen harka qabamee herga inni du’ee booda.

Viidiyoon mobaayila harkaan waraabaem Flooyid harki isaa boodatti hidhaee lafa erga ciibsamee booda poolisiin adii morma isaa irra jilbaan dhaabatee mul’isa. Flooyid hafuura baafachuun dadhabe jedhee poolisichatti utuu iyyatuu dhaga’amaa ture, garuu poolisiin sun daqiiqaa hedduuf erga inni socho’uu dhaabee morma isaa irra jilbaan dhaabatee mul’isa.

Booda irras hospitaalatti geessamuun lubbuun isaa darbe. Bulchaan magaalaa Miniyaapoolis Jaakoob Fireey abbootiin alangaa naannoo poolisii morma Flooyid irra jilbaan dhaabate sana irratti himannaa yakkaa akka dhiyeessan gaafataniiru.

Namni Flooyidiin ajjeese sun maaliif hin hidhamne? Jechuun Fireey tuuta oduuf ennaa ibsa kennanitti gaafataniiru. Yoo anis ta’e ati badii dalagne ta’e hidhamuu qabna jedhan.

Mirgi Filooyid dhiitamuu isaa poolisii konyaa Henneppiniin fi FBI dhaan qoratamaa kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Prezidaant Doonaald Tramp tuwiiterii irratti ergaa maxxansaniin FBIn qorannaa sana akka saffisu gaafatanii maatii Filooyidiif gadda itti dhaga’ame ibsaniiru. Mormituun isaanii kan filannoo prezidaantummaa Sadaasa keessa geggeessamuuf jiru Joe Biden ajjeechaan Filoyiid irratti raawwatame qaamuma tooftaa haqi dhabamuu kan amma iyyuu biyyattii keessa jiruuf hundee gad fageeffatee ti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG