Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Chaayinaa Seera Naga Eegumsaa Falmisiisaa Hong Koongiin Ilaallatu Raggaasisuun Mormii Kaasise


Paarlaamaan Chaayinaa kan qeeqxonni jedhan kan hanga tokko ofiin of bulchituuf balaa dha jedhan seera naga eegumsa biyyoolessaa haaraa raggaasisee jira. Kongresiin biyyoolessaa Uummata Chaayinaa seera falmisiisaa kana har’a sagalee 2878 fi tokkoo fi miseensota sagalee hin kennine ja’aan raggaasise.

Seerri haaraan kun hojii addaan fottoquu, ganiinsa biyyaa ykn gocha shorokeessummaa nageenya biyyoolessaaf balaa dha ittiin jedhe adaba. Seerri kun itti dabaluu dhaan qaamni nageenya biyyoolessaa Chaayinaa Hong Kong keessatti dhaaba akka hundeessu illee ni eeyama.

Koree dhaabbataan seera kanaa kan baatii Fulbaanaa hojii irra oola jedhame seericha bal’inaan wixineessuu jalqabuuf jira. Seerri sun kan caasaa mootummaa ofii ishee qabdu Hong Kongf balaa dha jechuu dhaan gareeleen daldalaa fi biyyoonni gama dhiyaa balaaleffataniiru.

Labsiin seera nageenya Biyyoolessaa Beejiing balbse kun walakkeessa bara 2019tti hiriira mormii magalattii raaseen wal fakkaatu marsaa haaraa kaasisiee jira.

Roobii galgala namoonni seera kana morman kanneen 360 ta’an to’annaa jala oolaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG