Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Keessaa Lakkoobsi Namoota COVID-19n Du’anii Kuma Dhibba Caalee


Yunaayitid Isteetis keessaa lakkoobsi namoota COVID-19n du’anii kuma 100 ol gal’uu isaaf kunis lakkoobsa namoota lola Veetinaamii fi Kooriyaa keessatti lakkoobsi du’anii caala. Biyyattiiin lakkoobsa himamee ol ennaa lammiiwwan ishee dhabde kanatti gareeleen seneteroota paartii lamaanuu kanneen du’an kana kabajaan yaadachuuf wixata yeroon calliinsaa akka ta’u gaafataniiru.

Biyyi kun yeroo dukkanaa kana tokkummaan yaadachuu qaba jechuu dhaan seneter Brian Schatz dubbataniiru. Yeroo baay’ee gaddisiisaa ta’e kanatti lubbuu bade kana kabajaan yaadachuuf waliin taanee gadda keenya mul’isuu qabna jedhan.

Weerarri COVID-19 biyya keenya rifaasiseera kan jedhan seneter Liisaa Murkowiski, maatiiwwan hedduun kanneen isaan jaal’atan ennaa dararaman arganiiru. Sababaa walitti siqeenyi murtaa’aa ta’eef hedduunis firoottan isaanii du’aan dhaban geggeessu hin dandeenye.

Yunaayitid Isteetis lakkoobsi namoota guyyaa guyyaan du’anii xiqqoo gad bu’uu argitus fooya’inni kun roobii kaleessaa jijjiiramuu dhaan namoonni 1,400 haaraa du’uutu gabaasame.

Addunyaa irraa namoonni 355,00 ol sababaa COVID-19n du’uu statistics-n Yuniversitii Joons Hopkins beeksisee jira. Addunyaa irraa uummanni miliyoona 5.7 vaayiresii koronaan yoo qabamu kana keessaa dhibbi irraa harka soddoma kan ta’u Yunaayitid Isteetis keessa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG