Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Beelaa Weerara Itti Aanu Kan Dhiibbaa COVID-19 Dhaqqabsiiu Ta’uu Mala: WFP


Faayilii - Barattoota Somaaliyaa qarqaarsa nyaataa WFP'n keennu argatan
Faayilii - Barattoota Somaaliyaa qarqaarsa nyaataa WFP'n keennu argatan

Naannoo Addunhyaa iraa uummati miliyoona 265 ta’u sababaa weerara vaayiresii koronaan kan ka’e hanqinni nyaataa hamaan isa mudachuuf kan jiru ta’uu xiinxalli sagantaa nyaata addunyaa beeksisee jira.

Kunis kan wagga darbe hanqinni nyaataa isaan mudate uummata miliyoona 130 ta’u dacha dhaan caala. Xiinxalli baatii Caamsaa keessa ba’e kun guyyaan beela addunyaa Caamsaan 28 guyyaan har’aa utuu hin ga’in dura beekssame.

Weerarri kun lakkoobsa namoota duruu sagal keessaa tokko nyaata ga’aa hin qabaanne ol kaasee jira. Kun jechuun uummanni miliyoona 820 ta’u beelatu isa mudachuuf jira jechuu dha.

Kan Niw Yoork keessa maadheffate projektii dhimma beelaa qoratuuf dubbi himtuu kan ta’an Saaraa Wilson akka jedhanitti kun dhimma fayyummaa ol ta’uu beekna, rakkoo beelaa namoota hedduutti akkaan ulfaatuu ta’uuf deema jedhan.

Weerarri beelaa faca’ina COVID-19n wal qabate sababaa rakkoo dinagdeen kan ka’e gatiin nyaataa ol ka’uu fi caasaan dhiyeessii midhaanii addaan cituu isaan kan mudatu ta’uun beekameera. Kunis sababaa qonnaan bultoonni fi hojjettoonni socho’anii midhaan dhiyeessuu hin dandeenyeef hanqinni akka mudate illee ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG