Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Mootummaa Itiyoophiyaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti Dhiittaa Mirga Namoomaa Geggeessan: Amnestii Internaashinaal


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Dhaabbanni mirga dhala-namaaf falmu, ka sadarkaa Addunyaa, Amnestii Internaashinaal, “ol’aantummaa seeraa eegsisuuf irra cehuudhaan,” jechuudhaan gabaasaa bal’aa fuula 50 qabu baaseen, humnoonni naga-eegumsaa Itiyoophiyaa naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti dhiittaalee mirga namoomaa geggeessan, jechuun tarreessee jira.

Humnoonni Mootummaa Itiyoophiyaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti Dhiittaa Mirga Namoomaa Geggeessan, Jedha Gabaasaan Amnestii Internaashinaal
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:14 0:00


Ajjeechaa, jumlaan hidhuu fi kaanneen manneen hidhaa keessatti raaw’ataman – miidhaalee saalatti hidhata qaban, jedhu – gabaasaa kana keessatti eeree jira.

Humnoonni naga-eegumsaa mootummaa Itiyoophiyaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti, dhiittaalee mirga namoomaa geggeessuu isaanii ibsuun gabaasaa bal’aa baaseef akka maddaa fi ragaaleetti, namoota miidhaa sanaan daafamanii fi namoota dhimmoota sana beekan walumaa-galatti namoota saddeettama waliin, kallattiidhaan akkasumas, beilbilaan gaaffii fi deebii geggeessuu isaa dubbata.

Namoota qorattoonni dhaabbatichaa gaaffii fi deebii waliin geggeessan keessaa 21 dubartoota tahuu isaanii kan beeksise – gabaasaan Amnestii Internaashinaal, namoonni kun, qonnaan-bultoota, horsiisee bultoota, abboota qabeenyaa dhaabbatoota daldalaa, barattoota, hojjetoota mootummaa, hoogganoota paartiilee mormiitootaa fi barsiisota akka of keessaa qaban hubachiisee jira.

Kana malees, dabalataan ragaalee saatelaayitii, ragaalee hospitaalaa fi ragaalee ka biroo ilaaluu isaas dubbata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG