Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Dhimma Biyya Koo Keessa Harka Galfachuu Haa Dhaabdu Jetti Chaayinaan


Pirezdaantii Chaayinaa Shiin Jiinpiingi
Pirezdaantii Chaayinaa Shiin Jiinpiingi

Prezidaant Doonaald Traamp sababaa Chaayinaan seera naga eegumsa biyyoolessaa haaraa kan Hong Kooong keessaa baastee booda Hong Kong giddu gala daldala addunyaa akka taatuuf deggersa addaa jiru kan addaan kan kutanii fi barattoota Chaayinaa Yunaayitid Isteetis keessa jiran irra uggura kan kaa’an ta’uu yoo beeksisan, Chaayinaan immoo ijaa ba’uuf dhaadatte.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Chaayinaa Zaahoo Liijaan Wiixata har’aa tuuta oduuf ibsa kennaniin akka jedhanitti tarkaanfiin labsame kun dhimma Chaayinaa keessa akkaan kan seenuu fi hariiroo Yunaayitid Isteetis fi Chaayinaan qaban fi garee lamaan kan miidhu jedhan

Chaayinaan kana cimsitee ni balaaleffatti, jechi dantaa Chaayinaa miidhuuf US biraa dhiyaatu kam iyyuu deebiii cimaa Chaayinaa biraa dhaqqabsiisa jedhan.

Traamp Jimaata darbe akka jedhanitti seerri naga eegumsaa falmisiisaan sun uummata Hong Kongf balaa dhaa waadaa Chaayinaan akka isheen of dandeessu gale cabsa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG