Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Sochii Mirga Namaa Hawaasaalee Ameerikaa Hanga Tokko Keessatti Jijjiirama Murtii Haqa Hawaasaa Gaarii Argamsiisaa Jira


Hojettuu dhimma hawaasummaa kan ta’an Joyce Jonson dilbata darbe siidaa hoogganaa sochiii mirga namaa Washington, D.C keessa jiru fuulleetti hiriira mormii geggeessame argamanii jiran.

Richmond,VA irraa kan ta’an Joyce Dr. King utuu har’a as jiraatanii nan hawwan ture jedhan. Uummati sanyii hunda irraa ta’e guutuu biyyattii keessaa asitti wal ga’ee haqi sanyii maraa fi mirgi qixxeen akka jiraatu gaafachuuf ba’uu isaa utuu arganii ni boonu turan jedhan.

Xiinsaltoonni siyaasaa hangi tokko akka tilmaamanitti hiriirri mormii haqi sanyiif akka jiraatuuf geggeessamu hanga jijjiiramni dhufutti akkasumas ba’ii filannoo guutuu biyyaa fi naannoo irratti dhiibbaaa hanga fidutti itti fufa jedhan. Mormiin kun dargaggoonni filannoo biyyoolessaa Sadaasa keessa geggeessamuuf sagalee akka kennani illee ni kakaasa jedhaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG