Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awrooppaa Tattaaffii Itiyoopiyaan COVID-19 Ittisuuf Gootu Deggeruuf Euro Miliyoona 487 Kan Gumaache Ta’uu Ibse


Gamtaan Awroppaa fi biyyooni miseensota ta’an tattaaffii Itiyoophiyaan COVID -19tti duuluuf gootu deggeruuf jecha qarshii biliyoona 19 kan gumaachu ta’uu Finfinneetti kan argamu gurmuun gamtichaa beeksisee jira. Tuuta oduuf ibsa kennameen gargaarsi kun kan kennamuuf michummaa Itiyoophiyaa waliin jiru kan waggoota dheeraa irratti hundaa’uu dhaani.

Gamtaan Awrooppaa mootummaa Itiyoophiyaa waliin waaltaalee fayyaaf hawaasummaa cimsuu dabalatee dhukkuboota daddarbaa ta’an ittisuuf deggersa namoomaa inni kennu Euro miliyoona 487 ga’uu isaa gamtichi beeksiseera.

Waaltaa eegumsa fayyaa Itiyoophiyaaf bakka namoonni qofaatti ba’uun keessa tursiisaman deggeruu fi fayummaa hawaasaa cimsuun akkasumas COVID-19 dhiibbaa inni dinagdee irraan ga’uu malu ittisuuf gumaacha gochaa kan jiru ta’uu ibseera jechuun Meleskachew Ammahaa Finfinnee irraa gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali (2)

XS
SM
MD
LG