Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp "Warra Oduu Sobaa Ofuu" Ittiin Jedhan Komatan


Erga baatii sadii as yeroo duraaf duula na filadhaa prezidaant Traamp gaggeessn irratti lakkoobsii namoota argamanii xiqqaatee jira.

Kanaafis sababaan jedhan Traamp, Midiyaa oduu sobaa kan ittiin jedhan komatan.Isaantu waa'ee vayrasii Koronaa gabaasa sodaachisaa dhiyeessee jechuun himatanii hiriira mormiin qabanis akka uummanni hin argamne gochuu maluu jedhan.

Sambata dabree galgala Tulsaa Oklaahamaa keessa ka jiru staadiyomii namoota kuma 19 qabachuu danda'uu keessatti kan argaman walakkaa irraa xiqoo caalu jedhamee jira.

Kunis duula na filadhaa Prezidaantummaa marsaa lammataaf Traamp gaggeessanif tumsa gochuuf ture.

Prezidaant Traamp torban dabree namnii Miliyoona Tokko irratti argamuuf galmaa'ee jira jedhanii turan.

Kanneen duula filmaata Traamp keessa jiran uummanni kuma 12 meeshaa sakata'iinsaa keessa darbuu seenuu isaanii beekna jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG