Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masriin Akka Milishoonni Mootummaa Liibiyaa Magaalaa Sirtee Hin Qabanne Akeekkachiiste 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Prezidaantiin Masrii, Abdel-fattaa El Siisii, Sanbata dabre kana, raayyaa waraanaa biyyattiif haasawa dhageessisaniin, biyyi isaanii humnoota gosootaa Liibiyaa dabalatee – michootaa fi wal taatota ishee wajjin wal tahuudhaan, nageenya daangaa Liibiyaa waliin qabdu ka kiiloo-meetira kuma tokkoo fi dhibba lama dheeratu kan tikfattu tahuu hubachiisan.

Itti dabaluudhaanis, Masriin daangaa Liibiyaa kamaittiyyuu cehuuf hawwii akka hin qabnee fi kayyoon biyya isaanii nagaa fi tasgabiin akka Liibiyaa keessa jiraatu gargaaruu fi bitamtoonni waraanaa fi shororkeessonni akka Masrii hin seenne ittisuu qofa tahuu dubbatan – El Siisiin. Humnoonni mootummoota Liibiyaa wal-waraanan akka walii-galtee dhukaasa dhaabinsaa kabajanii fi marii walii-galtee siyaasaa uumu jalqabanis waamicha dhiheessaniifii jiran.

Humnoonni Liibiyaa keessaa wal diinomfatan lola kam irraayyuu akka of qusatanii fi walii-galtee siyaasaa waarinsa qabu tolfachuuf akka marii jalqan gaafanna. Masriin humnoota Triippolii maadheffataniin yaalii kamiyyuu magaalaa buufata doonii Sirtee yokaan maadhee humna qilleensaa Jufiraa, kan giddu-gala Liibiyaa jiru qabachuuf godhamu hin fudhattu, jedhan – El Siisiin.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG