Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Washingiten Siidaa Prezidaantii Ameerikaa 7ffaa Diiguuf Yaalii Ta’e Dhaabsise


statue andrew jackson
statue andrew jackson

Poolisiin Wahingiten keessaa moormitoonni White House cina kan jiru siidaa prezidaantii Ameerikaa 7ffaa kan Andrew Jackson jigsuu ennaa yaalanitti ittisee jira.

Mormitoonni kanneen waltajjii Lafayette jedhamutti wal ga’an morma siidaa sanaatti funyoo kaa’uu dhaan gad harkisan. Booda irra poolisiin dhangala’aa ija gubuu biifee dullaa dhaan gargaaramuun gamasii ari’e.

Prezidaant Traampis twitter irratti barreessuu dhaan mormitoota kana balaaleffatan. Jackson bara 1829-1837tti prezidaantii kan turan yoo ta’u bara 1830 keessa seera isaan mallatteessan kan lammiiwwan Ameerikaaduraanii dachii isaanii kutaa US gama kibbaa irraa kaasuu akkasumas bakka biqiltuu Tennessee irraa garboota hedduu kan qabaniif dararaa turan jedhamuun qeeqamanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG