Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Traamp Dallaa Daangaa Irratti Ijaarame To’achuuf Gara Arizoonaatti Qajeelan


Prezidaant Doonaald Traamp ededea daangaa to’achuu akkasumas haasaa siyaasa ilaalchise dhageessisuuf jecha gara kutaa Arizoonaatti qajeelanii jiran. Tramp har’a ministrii nageenya biyyoolessaa kan yeroofii Chad Wolfii fi komiishinera eegumsa daangaa kan yeroofii Mark Morgan waliin ta’uu dhaan ededa daangaa Meeksikoo kan San Luis konyaa Yumaa keessaa daawwatuuf jiru.

Mootummaan Yunaayitid Isteetis akka jedhetti dallaan km 338 fagaatu erga bara 2017 qabee daangaa irratti ijaarame.

Dallaa inni haaraa ijaarame isa kana duraa caalaa dacha lama kan dheeratu yoo ta’u bakka kana dura konkolaataa qofti dhaabachuun eegaa ture maayilii hedduu irrattis dallaan ijaaramee jira. .

Prezidaant Traamp Yuma keessatti angawoota fi hoogganoota waliin dhimma nageenya daangaa ilaalchisee mari’achuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG