Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaaniif Gargaarsii Maallaqaa walitti Qabamaa Jira


Jarmaniin gama marsariitiin walgahii gaggeessiteen biyyinni gama dhiyaa fi kan Arabootaa Sudaaniif Doolaara Biliyoona 1.5 kennuuf waadaa seenaii jiru.

Kunis mootummaan ce'umsaa Sudaan biyyatti gara Demokraasitti akka ceesiisuu gargaaruuf jedhamee jira.

Kan waraana biyyatti waliin aangoo qoddatan mummichi ministeera Sudaan Abdallaa Haamdook akka jedhanti biyyi isaanii deggersa addunyaa giddaa barbaaddi.

Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Antoniyoo Gutarrees gama isaaniin sababaa addunyaan Sudaan tasgabboftee fi Demokraatawaa taate arguu waan fedhuuf deggersa maallaqaa kenne jedhan.

Afrikaa fi biyyoota giddu galeessa bahaa keessatti nagaa fi demokraasiin argamuu furtuu dha jedhan Gutarrees.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG