Xurree ittiin seenan

Breaking News

COVID-19 Hammaachuun Biyyoonni Deebisanii Akka Cufaman Dirqisiisaa Jira


Hindii fi Yunaayitid Isteetis biyyoota vaayiresiin koronaa heddummaachaa adeemuu isaan uggura sochii laaffisanii turan vaayiresicha faca’uu dhaabsisuuf jecha deebisanii cimsaa jiran keessaa ti.

Hindiin guyyaa tokko jechuun ar’a qofaa namoonni kuma 20ta’an vaayiresii kanaan qabamuu gabaaste.

Kutaa biyya Hindii Assam uggura sochii namootaa hanga Adoolessa 12tti kan dheeresse yoo ta’u Bengaal immoo hanga xumura baatii Adoolessaatti namoonni akka hin sochoone ugguree jira.

Yunaayitid Isteetis keessaa, Flooridaa, Teeksaas, Kaalifoorniyaa fi Arizoonaan

Kutaalee faca’inni vaayiresii kanaa keessatti il ka’e keessaa ti.

Bulchaan Flooridaa Ron Desantis kaleessa akka ibsanitti bakka bashannana naannoo galaanaa kutaa isaanii deebianii kan cufan ta’uu fi dargaggoota kanneen maaskii kaayyachuu dhiisanii wal irraa hiiqiinsa hawaasummaa didan vaayiresichi haaraa faca’uu isaaf himatanii jiru.

Dhugaatii alkoolii sababaa namoonni heddummaatanii mana dhugaatii seenaniif akka ugguramu illee angawoonni gochaa jiran. Sababaa of eeggannoon laaffateef sadarkaa amma irrageenye irra ga’uu dandeenye jedhan bulchaan kutaa Floridaa ron Desantis.

Bulchaawwan kutaalee Teksaas fi kaalifoorniyaas manneen dhugaatii hedduu cufsiisanii jiru. Teksaas keessaa torbanneen xiqqoo keessaa vaayiresiin kun haala hamtuu dhaan faca’aa jira jedhan angawoonni.

Guutummaa Ameerikaa keessaa guyoota ja’a walitti aana keessa uummata kuma 35 ol ta’antu vaayiresii koronaan qabaman. Nationwide, there have been more than 35,000 reported cases for six consecutive days. Jarmayaan fayyaa addunyaa akka jedhetti dilbata kaleessaa qofa addunyaa kana irraa namoota 189,000tu vaayirezii kanaan qabaman.

Hayyoonni eegumsa fayyaa hedduun akka jedhanitti addunyaa irraa lakkoobsi namoota COVID-19n qabamanii sababaa hanqina qorannoo akkasumas namoota utuu vaayiresichi keessa jiruu mallattoon irratti hin argamne irraan kan ka’e kan gabaasamen ol ta’uu himanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG