Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbbo Jawaar Mohammed fi Namoonni Ka Biroon To’ataman, Jedha Poolisiin Federaalawa Itiyoophiyaa 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Obbo Jawaar Mohammed fi namoonni ka biroon hidhamuu isaanii Poolisiin Federaalaa fi Poolisiin Oromiyaa ibsa waloon baasaniin beeksisanii jiran. Miidiyaalee biyya keessaaf kan ibsa kennan Koomishinarri Waliigalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Indeshaaw Xaasew ibsa kennan maqaa dhahuudhaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kan ibsa kennan, Daarektarri Koomiyunikeeshinii Koomishinichaa Jeeylaan Abdii, har’aa deemsa reeffa Artist Haacaaluu geggeessuu keessatti poolisiin tokko ajjeesamuu ibsanii, kan “poolsiin kun ajjeesame karaa nama Jawaar Mohammed waliin turee ti,” jedhan.

Dhimmoota kanaa fi ka biroo wajjiin wal-qabateen Obbo Jawaarii fi eegdota isaa dabalatee namoonni shan to’annaa jala galfamuu dubbatan, jechuun Tsihoon Girmaa gabaastee jirti. .

Sana dura immoo, dhaabbatni OMN oduu tamsaaseen, Obbo Jawaar Mohammed fi Obbo Baqqalaa Garbaa hidhamuun isaanii mirkanaawe jedhee ture. Dhimma kana hordofnee, yeroo odeeffannoo dabalataa argannu kan isiniif dhiheessinu tahuu sin beeksisna.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG