Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afriikaa Haala Itiyoophiyaa Kan Yeroo Ammaa Itti Siqeenyaan Hordofaan Jira Jedhe


Dura ta’aa komiishina gamtaa Afriikaa Muusaa Aakii
Dura ta’aa komiishina gamtaa Afriikaa Muusaa Aakii

Dura ta’aan komiishina gamtaa Afriikaa Muusaa Aakii Mahamat haala Itiyoophiyaa keessa yeroo ammaa kan erga ajjeechaa aartisiitii Hacaaluu hundeessaa boodaa itti siqeenyaan hordofaa kan jiran ta’uu beeksisaniiru. Hookkarri ka’e hanga ammaa lubbuu hedduu galaafatee hedduus madeessee jira.

Dura taa’aan kun maatii isaa fi gadda onnee irraa madde itti dhaga’ame ibsanii kanneen mada’aan illee akka fayyaniif hawwanii jiru. Biyyattiin du’a hacaaluuf gaddaa ennaa jirtukanatti dura taa’aan kun tasgabbiin akka bu’u gaafatanii lammiiwwan martinuu gocha haala yeroo ammaa daran hammeessu irraa akka of qusatan waamicha darbarsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaas kanneen gocha suukaneessaa kana raawwatan fuula murtiitti akka dhiyeessu dura taa’aan komiishinichaa gaafatanii gareen martinuu garaagarummaa jiru marii fi mala nagana akka hiikan weerara COVID-19 ittisuuf illee tattaaffiin akka godhamu gaafataniiru. Dura taa’aan komiishina gamtaa Afriikaa kun tasaabbii, nagaa fi biyyattiin akka badhaatuuf mootummaa fi uummata Itiyoophiyaaf deggersa qaban irra deebi’anii ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG