Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaa keessaa Guyyaa Tokkootti Namoota 50,000 Ta’antu COVID-19n Qabaman


Yeroo jalqabaaf erga vaayiresiin koronaa Yunaayitid Isteeisiin seenee qabee guyyaa tokkotti namoota 50,000 haaraatu vaayiresichaan qabame.

Kaalifoorniyaa keessaa namoota 9,740 kaleessa haaraa vaayiresii kanaan yoo qabaman, Texas keessa 8,076 Arizoonaa keessa immoo namoonni 4,877 haaraa vaayiresii kanaa qabamuun gabaasamee jira. Kutaaleen ka biroon haaraa namoonni hedduun COVID-19n qabaman Joorjaa,Luuziyaanaa, North Caroliana fi Tenesii dha.

Kantiibaan magaalaa New York Bill de Blasiyoo manneen nyaataa akka banamaniif eeyamanii turan tarii namoonni bakka biroo dhaa dhufaniin kan ka’e daariqa ykn infekshiniin kun deebi’ee ka’uu mala yaaddoo jedhuun tursanii jiran.

Bulchaan kutaa Penselvaaniyaa Tom Wolf namni martinuu maaskii fuulaa akka kaayyatu kaleessa ajajanii jiru.

Hoogganaa waaltaa dhukkuboota daariqaa fi alerjii kan US Antonii Faauchii koree senetiif ibsa kennaniin yoo vaayiresiin kun hin to’atamu ta’e lakkoobsi jiru dachaa dabalee gara kuma 100 ga’uu mala jechuun akeekkachiisan.

Jarmayaan fayyaa addunyaa akka jedhetti erga baatii Muddee dqabee namoota miliyoona kudhan vaayiresii kanaan qabaman dhibba irraa harki jaatamni baatii Waxabajjii keessa ta’u ibse.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG