Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaattan Balalii Qilleensaa Biyyattii Cufamee Ture Banuuf Murteessan


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Keeniyaan balalii xiyyaaraa Addunyaa sababa dhibee Kooronaan dhorkitee turte ji’a dhufu kanaa kaastee akka jalqabdu beeksiste.

Pirezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa murtee to’annaa Kooronaa mootummaan isaanii baasee raawwachiisaa ture harra fooyyessanii jiru. Kanaanis mootummaan isaanii Adoolessa tokko bara 2020 kaasee balalii sarara xiyyaara kan ji’ootaaf addaan cite ture akka jalqabu murtee dabarsanii jiru.

Keeniyaattan Balalii Qilleensaa Biyyattii Cufamee Ture Banuuf Murteessan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:24 0:00

Kana malees Pirezdenti Keeniyaattaan balaliin xiyyaaraa biyya keessaa Waxabajjii 15 kaasee akka jalqabu kan ajajan yoo tahu, qoqqobbii deemsaa kan Naayroobii fi naannoo kanneenirra jiru kaasanii jiru.

‘Harra kanaan dura ajaja namootni akka magaalaa Naayroobii, Keeniyaa Kutaa bulchiinsa Mombaasaa fi Mandheeraa keessa akka hin baane dhorku ka duraan hojiirra ture akka inni ka’u ajaja dabarseen jira. Lammee ammo galgala galgala ka labsamee ture labsiin nami akka sa’aatii sadii boodaa manaa akka hin baane dhowwu guyyoota soddomaaf ammas akka hojiirra oolaa turu murtaayeera’ jechuun dubbatan.

Ajaja mootummaan isaanii harra dabarse kanarratti Keeniyaattaan manneetiin amantii akka banamanis eyyamanii jiru. Kanaanis manneetiin amantii of eeggannoon al tokkotti namoota 100 duwwaaf akka eyyaman, kana keessattis daa’immanii fi jaarroleen akka hin hirmaanne murtaayee jira.

Ajaja harra fooyya’e kanaan manneettiin barnootaa biyyattii keessa jiran akka itti debei’anii banaman Kaabineen Ministeera barnootaa biyyattii Karoora akka qopheessu gaafatanii jiru. Asumaanis Keeniyaattaan lammileen biyyattii of eeggannoo akka godhaan gaafatniiru. Keessumaa tarkaanfii amma mootummaan biyyattii fudhatuun yoo dhibeen kun deebiyee ka’e mootummaan deebisee tarkaanfii fudhate kana duubatti deebisuu mala jedhan.

Mootummaan isaanii diinagdeen biyyattii miidhaa Kooronaan fide akka dandamatuuf hojjetaa akka jiru eeranii, erga dhibeen kun dhufee rakkoo hawaasummaa mullateef qaamoleen hawaasummaa furmaata akka barbaadan gaafataniiru.

Harras ministeerri fayyaa keeniyaa namootni 181 biyyattii keessatti dhibee Kooronaan ka qabaman yoo ta’an lakkoofsi walii galaa namoota dhibee Kooronaan qabamanii ka Keeniyaa kuma saddeet taree jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG